Hawi Youth Development Initiative
Cuunfaa Kitaabaa - 002
Hawwii Aanoleetiin
Odeeffannoo Bu’uuraa
- Maqaa Kitaabichaa: The 7 Habits of Highly Effective People [Amaloota Namoota Baay’ee Milkaawoo Ta’anii Torban]
- Kan Barreesse : Steven R. Koovey
- Bara Itti Maxxanfame : 1989
- Dheerina Kitaabichaa : Fuula 381
Kaayyoo Ijoo Kitaabichaa
Kitaabni kun kitaabota akka Adduunyaatti baay’ee jaalatamaniifii namoota hedduun dubbifaman keessaa isa tokko. Kitaaba kana carraa argattee dubbisuu keetiif baay’ee gammaduu qabda. Kitaaba kana keessatti namoonni Adduunyaa kana gubbaatti waan garagaraatiin sadarkaa ol’aanaarra gahan amaloota akkamii akka qaban, waan addaa maal akka hojjataniifii naamusawwan /amaloonni/barmaatileen/ jireenya isaanii keessatti hordofan ifatti lafa kaa’ameera. Naamusawwaniifi Amaloonni yoking barmaatileen kunneen akka salphaatti jireenya keenna keessatti hojiirra oolchuu kan dandeennufii suuta suutaan ittiin of jijjiiruudhaaf kan baay’ee nu gargaaraniidha. Kitaaba kana barreessuudhaaf barruuwwan waggoota 200tti dhihaatan dubbisuu isaas ibseera. Maarree, ati waan inni itti xaaree kitaba tokko keessatti siif dhiyeesse irraa barachuudhaaf carraa argachuun kee sin gammachiisuu? San caalammoo Afaan keetin haala gabaabaa kanaan siif dhiyaatuu isaatin hoo carraa qabeessa tahuukee ni irraanfattaa? Hin Irraanfatin!
Barnootawwan Ijoo Kitaabichaa (Barmaatilee/ Amaloota/Naamusawwan Torban)
Akka barreessaan kitaabichaa barreessti naamusawwan/amaloonni/barmaatileen torban jireenya keenna keessatti milkii argachuudhaaf nu dandeessisan kanneen asii gadiiti:
- Dursii Argami (Be Proactive)
- Xumura Waan Hojjattuu Tokko Sirriitti Beekudhaan Eegali (Begin with the End in Mind)
- Waan dursa hojjachuu qabdu dursa hojjadhu ( Put first things First)
- Kophaakee Moo’uf Hin Yaalin (Think Win Win)
- Namoonni Akka Si Hubatan Barbaaduu Keetiin Dura Namoota Hubachuudhaaf Yaali ( Seek First to Understand, then to be Understood)
- Tumsa Horadhu ( Synergize)
- Of Haaromsuu Hin Dagatin ( Sharpen the Saw )
1. Dursii Argami (Be Proactive)
Adduunyaa kana keessatti hammi isaa xinnaatus guddatus dhiibbaa uumuu akka dandeettu beekuu qabda. Kana godhuudhaaf immoo yeroo hunda waan Adduunyaan siif dhiyeessitu qofaan masakamuun sirra hin jiraatu. Ati mataan kee dursitee argamuu, waan sitti dhufuu dandahu tokko dursitee tilmaamufii irra aanuun barbaachisaadha. Miira kee toohachuudhaaf aangoo guutuu qabda. Waan namni nama godhu/ namarratti hojjatuuf yaalu caalaa haala nuti waan sana ittiin hubannuutu murteessa. Waan namni siin jedhe toohachuuf aangoo dhabdus waan si godhan saniin miira kee miidhuu dhabuuf garuu aangoo guutuu qabda. Waan namni si aarsa jedhee dubbate ati guutumaan guututti ofirraa qolachuu ni dandeessa.
As biratti Geengowwan Ilaalchaa ( Circles of Attitude) lama isiniif qooduun barbaada;
A. Wantoota Ati Toohachuu Hin Dandeenne (Circle of Influence) – Wanti geengoo kana keessaa waan ati guutumaan guututti toohachuu hin dandeennedha. Fakkeenyaaf namni tokko yoo ganamaaf galgala si dallansiisuuf waan kee dubbataa oole, yoo maqaa kee balleessuuf yaalaa oole, yoo si miidhudhaaf shira xaxaa oolee bule ati nama sana afaan qabuu/yaada isal sana dirqisiistee dhiisisuu hin dandeettu. Hamma fedhe yoo dute qarriffaa isaa irraa cabsuu hin dandeettu Tarii adeemsi seeraa akkuma jirutti ta’ee jechuu kooti. Kanaaf wanti qaama biraatiin sirratti raawwatamu kamiyyuu toohannaa keetin ala jira jechuudha.
B. Wantoota Ati Toohachuu Dandeessu (Circle of Control) – Wanti geengoo kana keessa jiru hundi waan ati guutumaan guututti toohachuu dandeettudha. Akka fakkeenya asii oliitti ilaalletti namni tokko dalagaa si godhatee waanuma kee qaaqaa yoo oole, nama san gurra dhoowwattee, haasaa isaa sana gatii dhabsiisudhaaf, jalaa cal’istee isa salphisuudhaaf aangoo guutuu qabda. Maalif jennaan, aaruu dhiistee waan sanatti baacuu/ nama sanitti kolfitee inumaa ittiin bashannanuudhaaf aangoon guddaan harka kee waan jiruuf. Gama biraatiin waan kamuu keessatti ilaalcha akkanaa horachuun barbaachisaadha. Waan jireenya kee keessatti si mudatu toohachuu dadhabdus waan si mudate sana akka si hin miinetti keessummeessuun harka kee jirti. Maalif osoo kana godhuu dandeettu akkana na godhan jeten aartaree? Maalif namni biraa akka si miidhee miidhama keetitti gammadu hayyamtaree? Hin hayyamin!
2. Xumura Waan Hojjattuu Tokko Sirriitti Beekudhaan Eegali (Begin with the End in Mind)
Hojii tokko yoo hojjattu si’a lama akka hojjattu beeki. Tokkoffaan sammuu kee keessatti wanta hojjattu sana yoo yaaddu, inni lammataa immoo qabatamaan hojii sana yoo raawwattuudha. Hammuma ati sammuu kee keessatti waan hojjatuuf deemtu san sirriitti bareechitee beeyte hojiin isaatis miidhaga. Fakkeenyaaf mana ijaaruu/ijaarsisuu feeta yoo ta’e jalqaba sammuu kee keessatti mana akkamii? Kan kutaa meeqa qabu? Kan dizaayiniin isaa akkamii?fi wantoota kana fakkaatan sirriitti beekuu qabda. Gaafas waan barbaaddu san sirriitti lafarratti dhugoomsitee arguu dandeetta. Haaluma walfakkaatun jireenya jiraachuu feetus akkasumatti sammuu kee keessatti bareechitee beekuun barbaachisaadha. Hammuma sammuu kee keessatti waan feetu san sirriitti beekuu dandeettu qabatamaanis hojiitti geeddaruu dandeetta waan ta’eef. Barreessaan kitaabichaa as biratti waan tokko akka goonu gorsa nuuf Kenna. Innis jireenya keenya keessatti Kaayyoof Galma jiruu keenyaa ( Personal Mission Statement) akka barreessinuudha. Mee nama akkamii tahuu feena? Boru gaafa Adduunyaa kanarraa boqannu nama akkamii jedhamnee yaadatamuu feena? Mee waan kana waraqua irratti katabi, of gaafadhu! Gaafas waan hojjattu hunda saniin walqabsiistee hojjachuudhaaf siif mijata.
3. Waan dursa hojjachuu qabdu dursa hojjadhu ( Put first things First)
Hojii hojjannu tokko madaala lamaan ilaaluun murteessaadha. Tokkoffaan Barbaachisummaa hojii sanii yommuu ta’u inni lammataa immoo hammam dalagaan sun ariifachiisaadha isa jedhuudha. Bu’uura lameen kanaan barreessaan kitaabichaa hojiiwwan nuti hojjannu/ hojjachuu qabnu kallattii Afuriin lafa kaa’a;
A. Hojii Baay’ee Ariifachiisaaf Baay’ee Barbaachisaa ( V.Urgent and V.Important)
B. Hojii Baay’ee Barbaachisaafii Kan Ariifachiisaa Hin Taane ( V. Important But Not Urgent);
C. Hojii Baay’ee Ariifachiisaa ta’ee kan hammas hunda barbaachisaa hin taane ( Urgent but Not Important)
D. Hojii Arifachiisaas hin taane, Kan barbaachisaas hin taane ( Neither Urgent Nor Important) – Waan yeroo qofa namarraa gubu
Hojiin nuti hojjannu kamiyyuu kanaan alaa miti. Sa’aatiin noti guyyaa guyyaan hojiirra oolchinu hojiiwwan afran kanneen keessaa tokko keessatti madaalama. Afran kanneen keessaa nuti isa lammataa irratti xiyyeeffannee hojjatuu dandahuu qabna. Maalif yoo jenne, dalagaan tokko hojjatamuun isaa barbaachisaa yoo ta’e hamma inni barbaachisummaan isaa ariifachiisaa tahee yeroon nutti dhiphatutti eeguun barbaachisaa miti. Kanaaf, waan hojjatamuu qabu yeroodhaan yoo kan hojjannu ta’e ofis dhiphisuu irraa akkasumas yeroo keenyas haala hin taanen qisaasuu irraa of tiksina jechuudha. Haaluma walfakkaatun jireenya keenna keessatti wantoota barbaachisoo hin taanefii kanneen ariifachiisoo hin taane kamiyyuu irraa fagaachudhaan yeroo of jalaa gubnu hir’isuunis baay’ee barbaachisaadha.
4. Kophaakee Moo’uf Hin Yaalin (Think Win Win)
Hariiroo namaan waliin qabdu keessattis tahee waanuma kamuu keessatti kophaakoon moo’ee argamuu qaba jedhanii yaaduun barbaachisaa miti. Hamma dandeettun fedhiin kee qofti osoo hin ta’in fedhiin nama/ qaama kan birootis akka guuttamuuf waan dandeettu godhuuf yaali. Yoo tokko moo’ee waan hunda ofumaa argachuudhaaf fiigu walitti bu’iinsi, walitti mufachuunifii rakkoowwan adda addaa mudachuun ni malu. Kana hambisuudhaan, ofiifis, nama kan birootifis yaadun gama tokkoon michoonni keenna akka baay’atan gama birootiin immoo nutis gammachuudhaan hawaasa keenna waliin akka jiraannu nu gargaara.
Fakkeenyaaf namni waa daldalu tokko maamila horachuu yoo barbaade waan gaarii dhiyeessuu qofa osoo hin ta’in fedhiifii miira maamila isaa san beekuufii fedha san guutuu dandahuu qaba. Gaafa fedhii keenna malee jennee fedhiif miira maamila keennaa irraanfanne boru maamilli keenna nu gatee nama meeshaa nuti gurgurru nurraa bitu akka dhabnu, sunimmoo kasaaraa daldalaa akka nutti fidu irraanfachuu hin qabnu. Fakkeenyuma kanaan waan hunda keessattuu goggooginsaf ofittummaa ofirraa fageessudhaan waan nuufis qaama kan birootifis toluu dandahurratti xiyyeeffachuun faaydaa guddaa nuuf qaba.
As biratti yaada baay’ee na ajaa’ibe tokkon isiniif qooda. Innis waa’ee Herrega Baankii Miiraati. Herrega baankii kanaan barreessaan kitaabichaa Emotional Bank Account ( Herrega Baankii Miiraa) jedhaan. Yaadrimeen isaa Herrega Baankiitiin walfakkaata. Hariiroon ati namootaan waliin qabdu akka waan kuusaa maallaqa baankii miira keetiiti. Yeroo kee fudhattee yoo waan gaariidhaan kunuunsite qabeenyi ati herrega san keessaa qabdu ni dabala. Yoo miira kee toohachuu dadhabdemmoo herregni kee garnalen hir’ata.
Hariiroo Jireenyaa namootaan waliin qabdu keessatti waadaa kee eeguun, dhugaa dubbachuun, iccittii eeguun, goggogdummaa ofirraa fageessuun, waan an jedhe malee jechuurraa of eeguun, jechoota miira namaa eegan fayyadamuun akkasumas namoota hubachuudhaaf yaalii godhuun qabeenyi nuti Lakkoofsa Herreggaa Baankii Miiraa keenna keessaa qabnu akka dabalu godha. Adaduma faallaa kanaatiin socho’uu eegalluunis qabeenyi nuti herrega keenna keessaa qabnu ni hir’ata. Kanaafuu hamma dandeette hundaan Herrega Baankii Miira Keetii keessatti qabeenya guddaa kuufadhu. Qabeenyi ati kuufatte kun immoo jireenya kee keessatti akka baay’ee si fayyadu hin shakkin.
5. Namoonni Akka Si Hubatan Barbaaduu Keetiin Dura Namoota Hubachuudhaaf Yaali ( Seek First to Understand, then to be Understood)
Barreessaan kitaabichaa guyyaa tokko osoo konkolaataa Ummataa yaabbatee deemu, abbaaf ilmi konkolaataa sana keessa seenan. Ilmi namticha sanii konkolaataa keessatti akka malee booye. Abbaan mucaa sanii garuu homaa hin dubbanne. Boodarra barreessaan kitaaba kanaa abbaa mucaa saniitti aaree abboo mucaa kee nurraa cal’isiisi jedheen. Yeroo kana abbaan mucaa barreessaa kanatti siqee, dhiifama naaf godhi, waanan godhu wallaaleeti amma harmeen isaa duutee awwaala irraa deebi’aa jirra jedhee itti hime. Yeroo kana barreessaan akka malee rifachuu isaa dubbata. Al tokko tokko hubatamuudhaaf yaaluun qofti gahaa miti. Namni tokko waan godhu tokko ( badaas tahee gaarii) maalif godha jedhanii hubachuuf yaaluun barbaachisaadha. Namaan waa baad tokko jechuu keenyaan dura nama sana garaa guutudhaan hubachuuf yaaluun baay’ee barbaachisaadha.
Akka ogeeyyiin haasaa (communication experts) jedhanitti jechoonni ati afaan kee keessaa baafattu haasaa guutuu ati taasistu keessaa %10 qofa fudhatu. Sagaleen kee 30%, haasaan qaamaa ( body language ) keenna %60 fudhata. Kanaaf jecha afaan keenna keessaa baasnu qofa osoo hin ta’in wanti hundi walitti ida’amee dhaamsa nuti feenu dabarsuu isaa mirkaneeffachuu dandahuu qabna. Haaluma walfakkaatuun namni biroos yoo nutti haasa’u waan afaan isatii bahu qofa osoo hin ta’in waan hunda waliin xiinxallinee hubachuun barbaachisaadha. Namni tokko osoo Imimmaan ija isaa keessaa dhangala’u har’aa baay’ee gammadeera osoo jedhee hammam dhugaadha? Dhugooma hin qabu. Kanaafuu akkuma waan onnee keessa jiruufi miira keenna isa haqaa namni akka nu hubatu feenu nama kan birootis akkasitti hubachuun barbaachisaa tahuu isaa hubachuun murteessaadha;
6. Tumsa Horadhu ( Synergize)
Akkuma asii olitti argine hundi keennayyuu akkaataa waan tokko ittiin hubannu qabna. Garaagarummaan akkanaa kuni rakkoo tokkos hin qabu. Garaagarummaa jiru kana garuu akka ciminaatti walitti finnee, iftoominaafi garaa qulqulluudhaan waan waliif nu galchurratti cichinee galma waliinii tokko bira gahuu ni dandeenna. Gaafas wanti nuti tokko tokkoon fiignee milkeessuf yeroo dheeraa nutti fudhatu yeroo gabaabaa keessatti akka xumurru nu dandeessisa. Dalga walirratti duulufii faallaa walii dhaabbachurraas waliin taanee rakkoo waliinii furachuudhaaf carraa guddaa nuuf uuma. Gaafa namoonni ilaalcha akkanaa horatan inni tokko isa kan biroo karaa walakkaa caala deemee hubatuuf yaalii godha, ija nama kaanitiin miira nama/qaama sanaa hubachuuf yaala. Gaafas waldhibdeef garaagarummaan jidduu lameen jirtu dhiphatti. Gaafa sun dhugoomu irree walii ta’uudhaan waan nu hunda rakkisu irra aanna jechuudha.
7. Of Haaromsuu Hin Dagatin ( Sharpen the Saw )
Qabxiilee murtessoo asii olittii eraman kanneen dhugoomsudhaaf qabeenya kee guddaa ati qabdu tiksuun immoo dirqama keeti. Qabeenni guddan sun immoo sihuma mataa keeti. Yeroo of jijjiirtee kaayyoof yaada kee galmaan gahuudhaaf carraaqxutti kallattii afuriin madaala kee eeguu qabda. Tokkoffaan Qaamaan (Physically), Lammaffaan Miira Keetin ( Emotionally), Sadaffaan Sammuu keetiin ( Mentally) Afraffaan immoo Amantii ( Spiritually).
Qaamakee – Sochii qaamaa godhuudhaan, Boqonnaa fudhachuudhaan, Nyaata keetis
sirnaan nyaachudhaan haaromsi;
Miirakee – Namoota waliin jiraattufi hawaasa keessa jiraattu waliin hariiroo gaarii uumudhaan haaromsi;
Sammuukee – Barachuudhaan, Dubbisuudhaan, Barreessudhaan akkasumas barsiisudhaan haaromsi;
Amantaakee – Uumaa Rabbii dinqisiifachuudhaan, Kophaa kee teessee of dhageeffachuudhaan, Rabbiif Salaatuu/ Sagaduudhaan, Tajaajila bilisaa kennuudhaaniifi wantoota kana fakkaatan godhuudhaan of haaromsi;
Xumurarratti, Ammas Baga Gammadde!
Kitaabni ati dubbistee xumurte kun kitaaba baay’ee jaalatamaafii kan namootni hedduun dubbisanii ittiin of jijjiiran akka tahe beeki. Kitaaba kana dubbisuu keetiin waan hedduu akka baratte an shakkii hin qabu. Har’a kitaaba lammataa xumurteerta. Hamma dandeette, qabxii tokkos tahu hojiitti hiikuudhaaf akka yaaltu shakkii hin qabu. Marsaa itti aanutti immoo kitaaba biraatiin walitti deebina. Kitaaba kana erga dubbisteen booda yaada anaafis tahee hordoftoota kootiif qabdu yoo qabaatte naan gahuu hin irraanfatin.
Na Qunnamuudhaaf Gama
hawianole@gmail.com yookin
Fuula Feesbuukii - Hawi Anoletiin na qunnamuu dandeettu.
Kanuma, Keenyas Oluma!