FIRII
Asoosama Gabaabaa
Siifan Biraanuutiin!
Reefun umuriidhaan 20n keessan jira. Ija namaa guuteen,gomjaasisa.Dargaggeessi ijaan akkuma ajandaa bara kanaa barbaadee qacam godhee narraa wacaa ooluu, argee na kukkutachuu fedha.
Kan na ilaale ija narraan libsatu. Gaarummaan isaa anatu batattisee manatti of arga. Nama gidduu turuun du'a natti fakkaata. Qaamni na urgufamee, qalbiin na jeeqameen deemsa wallaalee miilli wal na xaxa. Lafa diriiraatu gufatee na daddarba. Amalichi maal akka ta'e hinbeeku.
"Magaallee warra sanii" Jedhameen akka qoricha ijaatti barbaadama. Barsiisaan Doktoroonni, dargaggoonni magaalaa xiqqoo nuti keessa jiraannuu, wal gahanii mana Keenyaa wacanii taphaan mana hoo'isu. Harmeen fuula iftuu dha. Hunda simattee amalaan nama ofitti qabdee jaalalaan jiraachuu itti beekti. Kanaaf hunduu qe'ee ishee mana ishee hoo'ifata.
"Haadha Firii; silaa buna garii, nyaata gaarii, hojjechuu situ itti beeka. Mee nuti Ilmaan keeti, kana booda nyaanniif dhugaatiin keenya si bira nuuf haata'u. Kana booda si biraa nyaannee dhugna. Manni nyaataa gaariin magaalaa kana keessa hinjiru" jedhanii Harmee nyaata qopheessuu eegalchiisan.
Humna ishee osoon qusatin. Ogummaa ishee, harka ishee isa nyaatamee hin quufamne, sanaan namoota yaada kana dhiyeessan qofa osoon taane, namoota hedduu qooqa kaasuu itti fufte.
Hunduu maqaa ishee lafa hin kaa'u. Haadha maamilaa taate, manni keenya hundaaf dawoo, boqonnaa ta'e. Anammoo caalumatti bahee galu ijjji namaa na waxaluun ittuma fufe. Anumatu ofitti jabduudha malee haalichoo cimaadha.
Nan bareeda.Bifatti homaa hafee hinqabu. Amalaan, maatii gaarii qabaachuudhaan, haadha kaamettii, harka toltu akkasii irraan dhaladhe. Maaf hundi nan hawwu? Ququruphisee walii gadi fiigee, mana keessa gugguufee, ergameen hunduu na arga. Dr. Masfin isa tokko.
Dr. Masfin guutuu namaati. Addumatti immoo wayyoo yaa bareedina ilkaan isaa! Addeenya isaa. Qulqullina isaa. Walqixxeenya Isaa ! Dhuguman isiniin jedha; yoo inni mana seene hojii dhiisee taa'ee yoo inni kolfu ilaalaa osoon oolee, akkuma Oromoon waan ofii isaatiif eenyummaaf dachee isaatti aarsaa lafeef dhiiga itti kafaluutti gammadu sana, gammachuun koo daangaa hinqabu ture.
Aniif sammuun koo ilkaanicharratti rakkoorra wal buusaa jirra . Guutummaa Dr. Masfin irraa bareeda ilkaan isaa fi gurrachuma isaan addatti jaaladha. Bifa gurraacha kana irratti qalbiitu na rarra'a duruu! Garuu sodaas waanan qabuuf namuu akka rakkoo koo kana narratti arguuf karaa hin agarsiifne. Dr. Masfin kan keessa koo beekuu hinoolle, innuu na waliin qoosuu, taphachuuf natti dhiyaachuu jalqabe. Baay'ee osoon hinturin sababa barnootaaf naannoo sanaa deemuufan dirqame.
Garuu akka carraa ta'ee barnootas ittin fufne. Ji'a afur booddee kan durii caalaatti bareedeen, uffannaa irraa jalqabee nama biraa fakkaadheen gara biyya alaatti bahuuf harmeetti nagaa dhaamuuf deeme. Ammallee, Dr. Masfin achuma Jira . Baatii tokkoof harmee biran ture. Kan durii caala na adamsuuu itti fufe. Amma garuu gorsa adda addaafii odeeffannoo baay'ee argachaa waanan jiruuf isaaf dhimma hinhorannen ture.
Kilinika ofii Isaanii banatanii wal gurmessaniii shan ta'anii hojjetu. Inni ana caalaatti nama barateef waan baay'ee beekudha. Yoo xiqqaate bu'aa bayii barnootaa keessatti waan barate hedduu qabaachuu mala. Namni barate waan nama miidhu nattin fakkaatu ture.
Turtiikoo baatii tokkoo kana keessatti baay'ee akkan itti dhiyaadhuuf natti deddeebi'eera. Akkan gara alaa bahuuf jirun itti himeen wal barree walitti dhiyaannee haalan jaalalaa keessa galuu eegalle. Waanumti irraa jibbamu hinturre. Yoonaa ammoo yaa bifa isaa isa gurraacha sana. Sanarratti dhaabbata isaa, kana qofaa mitiim, Kanaa’olitti yaa sagalee isaa yoo haasa'u, laphee addaan nama baqaqsa. Kaanenuus maqaa Kilinika isaaniiti.
"Dubarriif Gundoon keessummaa hinqabdu" jedhama mitiiree? Amman haadha koo bira baatii tokkoof ture kana dhimmeen hojii qixeessaaf, bishaan Boonoo waraabeen, uffata miiccaaf. Dr. Masfin akkuma nama haajaa qabuu deemsa Isaa "alaalaa na Ilaalaa " jedhu sanaan harka isaa giiphiitti naqatee gara mana keenyaatti faanni isaa! Ganama mataan aduu qixa dheerina isaatirraan ija nama waraanti.
Ijaan bakkan uffata miiccuuf jirutti na mil'atee, darbee manatti ol seena. Nyaatee afaan lulluuqqachaa gadi baha. Jaakkeettii isaa baasee natti kenna . Sesseeqaa "boodan dhufee fudha, gaafa heerumte kan jaarsichaa miiccuun akkam akka ta'e asumaan bartaa" Jedhee hojii manaa natti laatee deema.
Urgooftuun uffata isaarraa funyaan nama buta. Bishaan uffata isaatti kan biraa miiccuun na mararaa yaa qalbii hir'achuu! Jedheetin of taajjaba. Harmeen amma Keessummaa waanan ta'eef malee osoo duriitii harka hiitee na waxalti ture.
Bilbila xiqqoo kan ‘Helo' qofan qaba. Lakkoofsa bilbilaa Dr. Koo waliin wal jijjiirre. Anis turtii koo xumureen gara Finfinneetti, Abbaa koo biratti deebi'e. Imala koo irratti hagan mana gahu naaf bilbila. "Eessa geesse"jedha. Manas gahee, guyyaan hundi waliin haasa'uu keenyaan maraate.
Baay'ee of na barsiise. Amma sababan funaanuu jalqabe, yookaan inni dhufuu, yookaan ani deemuu. Lamaanuu garuu murteessuuf humnasaa hinqabu. Ni qoosa. Na kolfisiisa. Na bohaarsa. Kanuma keessa gara Finfinnee akka dhufaa jiru naaf hime. Guyyichan eeguu jalqabe. Hawwii garmaleen of keessatti finiinse.
Yoon isatti heerume jedheen hawwii boriitiin yaadan galaana jiruu daakaa guyyaa inni dhufuuf jiru sanan yaada.
Na fuudhuuf dhiisuu isaayyuu hinbarreem. Na jaalachaa jiraachuu isaayyuu yoom natti hime? Abjuu keessa gangalachuun akkasitti. Kan isaa jettuu? Anuu yaaduma sardamuu malee miiran isaaf qabu adda baase hinbeekne.
Galgalaan naaf bilbilee boru Akka dhufaa jiru naatti hime." Maal ergamu?" Maal siif fidee dhufu?" jedhe. Isa arguu waanan qabuuf waanan yaada keessaa hinqabne ajajeen harmeetti bilbile. Akka carraa ta'ee abban koo qe'ee hinjiru. Bariisana arguufan jarjare. Uffatan uffadhu, kopheen kaawwadhu, rifeensa koo akkamiin akkan sirreeffadhu, maal dubbattu kaa? Of qixeessuun akka addaa ture.
Lafa duwwaatti shurshuruu! Safuudhabboo! Barii obboroo ka’ee manaa bahuu isaa barreeffamaan naaf erge. Obseen haga sa'aatii lamaa turee bilbileef. Finfinnee Hurufa Raaree(Atoobistaraa) Hoteela Ayyalaa fuulduratti akka wal arginu walitti himnee adda baanee.
Nan sonaa'e. Of tottolcheen Dr koo arguuf onnee na qirqirsaa jirtu waliin wal’aansoo gidduu osoon jiruun deeme. Keessa beekettii miti. Yeroo jalqabaatiif gadi bahee nama simachuun koo reefu. Harmee bira, ishee biraa yoon deeme abbaa koo bira malee, homaa asiif achii xaxaa Finfinnee keessaa hinbeeku. Inni garuu homaa hinwallaalu.
Qarqara daandiitti goreen dhaabbadhee isa eeguu jalqabe. Isa darbuuf dhufu osoon ijaan gaggeessee deebi'uu harka maree morma jala na suuqqate qofan ofirratti arge.
Ol jedhee yoon ilaalu dheerticha. Harki isaa harka nama hojii ciccimaa hojjetee miti. Lallaafaa kana. Kan koo isa biratti harka dubartii hinfakkaatu. Ofan tuffadhemmoo. Amma Dhuguma ani isan madaalaa? Jedheen of jibbe.
Harka na qabee na harkisaa of duuka na buuse. Wajjumaanan qajeele. Balbala hoteelichaa seenne...darbii gamoo tokkoffaatti ejjenne. Bitaaf mirga ilaalus homtuu hinjiru. Ammallee homtuu naaf hinifne. Yoo ibsaa n jiraate ifa mitii? Inumaa ulaa dhiphoo takka gidduu galle. Balbala ulaa kana gidduu jirtu banuuf itti hiixate....
"Intala koo! Gorsa xiqqoo yoo argatte, hubannaadhaan dhaggeeffadhu. Tarii gaaftokko si fayyada, dhiphina si fura. Fala siif ta'a. Dursitee haala kam irrattuu akka of eeggattu si qajeelcha. Namni si gorsu, muudannoo isaaf, waan isa qunname irraa ka'ee sigorsa." Sagalee dubartii ollaa keenya takkaatu osoo balbalichi hin banamin iyyee narraa dubbate.
Sodaachuun jalqabe. Akka waan dubartiin kun na duuba jirtuun ofirra garagalee mil'adhe. Homtuu na duuba hinjiru. Bilbila xiqqoon harka kootti qabee jirun mil'adhe. Waaree booda sa'aatii sagal daqiiqaa kudhan hir'uudha. Dr. koo akkuma waan mana isaa ta'ee balbala banee ol seene.
Duuba isaatiin homaa osoon hin raafaminan seene. Balbala olseeneen dhaabadhee keessa kutaa manichaa ijaan sukkuumuu jalqabe. Siree qal'oo takka isaan gamarra immoo foddaa xiqqoo ifa alaa dhufu ol ergitutu jirti. Sireerra achi hiixatee fooddittii bane. Xiqqoo ifan arge.
As garagalee akka seequu ta'e. "Koottu taa'i kaa" jedhee ka'ee harka na qabee of bira na teechisuuf gara sireetti na fudhate. Amma kana hunda homaa afuura hin baafanne. Ijaan waanan giiphii isaa duubee keessatti mil'uu arge tokko hubachuufan dhama'uu jalqabe. Waan maramtuu wayii. Waan ishee hinbeeku.
Amm waan laman Yaade. Tokko, tooftaan ittiin harkaa bahu malachuu, didnaan xiiqiidhaan wal xiichuudha. Onnee koo nan beeka. Ijaan suuta isa ilaalaan yaada koo bilcheessuu jalqabe. Yoon xiiqii keessa galee aariin na dhuunfate akkan hin injifatamne beeka. Isa dura garuu haga yoonaa tasgabbii boruyyuu narraa hin sokkine wayiitiin liqimfameen Jira.
Hark isaa diriirsee gateettii koorra godhate. Gara Fuula kootti gadi jedhee na ilaale. Qubbeen harka isaatii gurra koo jalaan fidee na tutuquu jalqabe. "Nyaata ajajannuu? Asumatti nuuf haa fidanii" jedhe.
'Lakki nan deema. Ergaa fiddee dhufte natti kenni. Sa'aatiin deemee jira. Abbaan koo yoo dhufee manaa na dhabe na lola. Amma deemuun qaba' jedheen harka isaa duubatti ofirraa darbee bakkan taa'ee jiruu ka'e.
Na faana ka'ee ijajje. Hinta'u malee, siif jedheen baadiyyaa kutee, lafa fagoo imalee addana dhufe. Jedhee garaa na nyaachuuf dubbii kuuluu jalqabe. Takka na dhungachuu, takka harkaan qaama koorra deddeemuu jalqaba. Qaama miiraa isaa isa ijaajjee jiru, isa inni too'achuuf humna hinqabne sanan libsuu ija irra buuse.
Qalbiin na butameen, keessa kootti eessan lixakaa, Si joorsee, si joonjessee si fidee akkam abbaa kee taataa ? jedheen of gaafadhe .
Duruu itti dhiyaadhee, bareeda eenyummaa isaa gubbaa irra ofitti nama harkisan sana argee ilaalee quufuu ture. Imalli isaa akkan yaade naaf ta'uu dide malee!
Silaa Harka isaa sana qabadhee, ija isaa baay'ee ofitti nama liqimsuu gahan sana sirritti ilaalee, hammannaa isaa keessa dhokadhee, foolii hawwataa ofirraa naman fageesiine sana gammachuudhaan hirachuun fedhe ture.
Fedhii koo kana hunda narkaa dhadhaa ibidda buute godhe. Sodaadhaan na guute. Shakkii, tariimmoo hagan jibbee isa ajeeffadhuttis na geessuu mala.
Yaada kana hunda keessaa of debiseen, harka isaa lamaan walitti harkise. Ol jedheen ija isaa keessa ilaale. Dr. Masfin Jedheen mataa koo gadi cabsadhe. Amalaan, jaalalaan isa moo'uun yaade. Isa dhabuu hinfeene.
Tarii garmaleen isa jeeqaa Laata jedheen nageenya koorra darbee isaaf yaade. "Maal jette ?" Jedhe. Itti fufeen...Ilaa ani har’a yeroo jalqabaaf kophaatti si arguu kooti. Nama sodaachisa. Immoo ani haala akkasiitiin na simatta jedhee hinyaadne. Erga fedhiin kee waan biraa ta'ee, maaf yeroo biraatti ittin yaadnu? Jedheen ija shakkii guddaa of keessaa qabuun oljedhee mil'adhe. Hiddi tamsaastuu dhiiga isaa dhiita'ee adda isaa irraan gadi gara ija isatti ejjetanii jiru. Fuula isaa gurraacha sana,dafqi finiinee irraa coccobuu gaheera.
"Uufff" jedhee afuura adda hin cinne baafatee itti fufe..."Ammas baadiyyaatti deebi'ee lammata oldeebi'uun natti cima. Isumaa gidduu kana, dhimaaf gara Miizaan Tafariii deemuufani. Baatii Jahaan kana achin tura. Atimmoo deemuuf qophiirra jirta" jedhe. Sagaleen isaa nama weeraru. Kan ta'ee naaf hintaane, kun na qoruuf natti ajajame.
"Firii ati ala bahuufi, ala immoo dubara ta'anii deemuun sirrii miti" jedhee qoosuuf yaade. Deebi'ee taa'e. "Qoosaa hinjiru achitti Arabichatu jira. Immoo isaan dubra hin jaalatan. Kan heerumte fedhu. Meeshaa ammayyaa ittiin adda baafatan qabu"jedhee asumatti sammuu koo falaasama addatiin burjaajesse. Ihiim maalan dhaga'aa? Jedheen yaada inni kaase sana sammuutti qabadhe. " Maalumaafuu amma sin dhiphisu
Deemuu qabda. Boru garuu mana keessanin dhufa. Dhimman dhufeef raawwadhu malee hindeebi'u. Asuman bula. Bilbilaan haasofna." Jedhee qabattoo isaa deebisee hidhate. Kophee isaa godhatee na geggeessuuf ana duuka alatti gadi baane.Dhugaa hinseene.
Finfinnee nama wal keessa xonnoqu gidduu seeneen hunduu waan na beeku,waan "eessaa baate? Maal hojjettee baate?" jedhee ija natti babaasu natti fakkate. Salphoo wayiin ofitti fakkaadhe. Amman mana gahutti keessi koo wal unkuraa, wal mormaa, wal guraaraa jira.
Sagaleen bilbila koo caraante, ishuman harkatti qabadhee jira...Faddaaltuu koo ishee dhimma imala kootii harkaa qabdu ture.
Heloo bilbila gurratti qabadheen jira. "Firii" afaan Amaarinyaatiin baay'ee danda'uu baadhus, isheenimmo haga kooyyuu Afaan Oromoo hinyaaltu.. Sanaaf jajallisaan itti haasa'a.Nagaa wal gaafanne. " Roobii Ganama ni barbaadamta" jettee beellamaan adda baane.
Ammallee taateen keessa turen yaadaa jira. Mana yoon gahu balballi cufaadha. Banadhee ol seeneen uffata koo jijjiirradhe. Dafeen bilbila fuudhee Abbaa koof bilbile. Yoom akka dhufu gaafadhe. "Sichi torban tokko turuun koo hin oolu of eegaa...qe'ees eegaa" jedhee bilbila cufate.
Amaluma isati. Waan dubbatu dafee dafee dubbatee isaa booda Dantaa isaa Miti .
Xiqqoo boqodheen gara dubartii ollaa kootii deeme. Horii qabdi . Qe'een ishee foolii looniiti. Boosettiidha. Harka hin toltu, bifaan homaan jettu, garuu qulqullina hinqabdu . Manni ishee homaa naman hawwatu. Miini mana ishee, qe'eedhumti ishee hundi akkaaf gara hinqabu.
Qodaan bukoo ishee hindhiqamu. Uffatumti ishee xurii kuufatee irratti goga. Ijoolleen isheellee akkasuma.
Natti tolti. Na gorsiti. Amanamtuudha. Akka haadhaattin ishee ilaala. Mana ishee deemee callisee hintaa'u. Ol guuree gadi guureen dhiqee mimmiidhaksee gala. Mana ishee bifa itti godheen ijaan ilaalee boqodha. Akka dubartii eelee bira turtee biddeen hin tolfattu. Akkuma akka dhabde kanatti jiraatti.
Hundi maatii mana sanaa amaluma kana qaba. "Haadha Tasfaaye" jedhuun. Ani Adaadoo jedheen waamaan. Ijoollummaatti Abbaan koo naamusaatti, kabajatti na guddise. Qeenxeedhaan nama hin waamu. "Nama guddaa, Isin jedhaa, dubartii guddoo Adaado jedhaa. Haadha biddeenaa Abaayyee jedhaa waamaa!" jedhee anaaf obbolaa koo waan gorseef; akkasumatti itti guddanne.
Anis amalicha waanan qabuuf, adaadoo jedheen waamaan. Isheetti siqeen waan sitti himachuufani jedheen saalfachaa! "Maal taate, ኣንቺ ፍቅር ይዞሽ ነው እንዴ" Jettee natti kolfite. "Eechabaakeetii" jettee ammas kolfa keessaa fuute. Osoo duutee afaan Oromoo walitti fuftee hindubbattu. Jecha tokko Amaarinyaa, isa itti aanu Afaan Oromoo dubbatti.
Ijoolleen ishees akkasumatti irraa baratan. "Adaadoo qoosaa hinjiru. Dura siinan mari’achuu barbaade. Naman beeku tokkotu jira. Amma as dhufee wal argineen achii dhufe. Inni akkan dursee wajjiin walqunnamtii saalaa raawwadhu barbaada. Animmoo nan sodaadhe. Amalli kun sirriidhaa? Na gorsi waan ati jetten filadha. Jedheen ishee dhaggeeffadhe.
"Maal hojjeta?" Jette. Doktora jedheen deebiseef. " Yoo dhuguma si jaalate,dhufee anaan wal haabaru. Koottu maatiidhaan wal bari jedhiin. Yoo dhufe anatu haasofsiisa isaa booda waan gootun sitti hima." Jette. Amma xiqqoo karichi karaa sirrii natti fakkaate .
Manatti ol deebi'een bilbileef, waame, waame, hinkaasu jedhee anaa cufuuf jiruu uuff afuura addaan ciccituun "Haloo diyaasfooraa Firii " jedhe. Osoon hindeemiin moo jedheen, akka kolfuu ta'e. Ittifufeen maali afuurri si ciccitaa jirawoo? Jedheen deebii isaa caqasuuf callise.
"Amma gaafa deemte Motora naaf hinbittuu? Lafa fiiguun naaf gamsiise!” jedhe. Siifan bita, isa yeroo biraa haasofnuu? Jedheen callise.
"Ihii....maal haasofnu?" Jedhe. Boru yoo dhuftu namaan wal sibarsiisuufani. Jedheen callise. "Maal rakkoo qabaree. Natti tola. Ganamaanan dhufa." jedhee bilbila cufate.
Anumaa hirriibni naqabuu dide. Waan boru ta'uuf jiru yaadee bira gahuun hawwe .
Bariin dhufuuf halkan seera uumaati. Nan rafe. Ijaaf qalbii jooraa oolte addunyaa hirriibaa keessan dhokse . "Warri kun" sagalee Dr. Masfin; silaa naaf hin bilbille akkamitti mana keenya beeke? Of gaafachaan gadi bahe.
Natti maramee akkasumatti alaa baatee ol na galche. Siree abbaa koorratti na darbate. Shaashiin rifeensatti hidhadhee jiru rifeensa koo ciraa narraa harkisee fuudhee afaan kootti cuqqale. Nan harkaa bahuuf wixxifadhe. Harki koo lamaan jabinaa harka isaa keessa bahuu dadhaban.
Miila koo tafa isaa gidduudhaa ol harkifadheen hagan humna qabu dafee, muddee muddee laphee lapheesaatti dhiitichaa hoo'ise. Harkaan yoo na gadhiise afaanirraa cuqqaallaa fuudhee iyyuufan karoorfadhe ture. Uffata isa cinaa sireerra jiru fudhatee harka koo akka hin sochoone godhee hidhe.
Amma abdii kuteen mataakoo asiif achi gangalchee imimmaan koo cobsaa ijaan isa kadhachuun yaade. Moo'amuu hin barbaadne. Amma dadhabuu koo baree, uffata ofirraa baasuu jalqabe. Gudeeda koo gidduu jiilbeenfatee jira. Onneen koo na dhohuu geesse. Aariin, xiiqiin na keessaa na nyaatan. Na qoqoran.
Humnan qabu fayyadameen luka koo lamaaniin lapheetti dhiitichaa dabaleef. Of dagatee ture. Duubatti dugdaan kufe. Akkuma ta'etti ka'een balbala banaa jirutti ija koo qeensee kottee kaase. Nan fiige. Ofirra dedebi'ee isa ilale. Na qabuuf harki isaa gateetti koorra gahe. Afuurri na citte. Nan daadhabe.
Dhiphinni hagana hinjedhamne na weerare. Dafqi na coollesseen hirriba abjuu badduudhaan na sukkanneesse keessaan dammaqe. Ka'een of ilaale. Homtuu na bira hinturre.
Uuff! Baga dhugaa hinta'in jedheen dugdaan ciisee waan abjuu sana yaaduu jalqabe. Ganamaa osoon siree keessa jiruu bilbilli koo iyyite. Ergaa gabaabaadha. "Yoo dubra ta'uu baatte nan dhamaasin, ani garuu dhufee akka kaleessaa callisee singadhiisu. Gubachaan jira" jedha.
Ihim! Ka'een dubrummaa sana nama biraatiif kennee waan inni ta'u ilaala jedhen yaade. Rakkoo isaa wanti inni fedhus kanuma qofa erga ta'ee; maal gochuufan yeroo koo isa waliin guba jedhees yaade.Ammallee yaadni isaa kun garuu gara wayiitti na geessuuf jira ta'uun oolu.
Deemuuf qophiittan jira. Dogoggora biraa keessa galuu akkan hinqabaanne, Faddaaltuun koo yeroo baay’ee naaf himti.
Amanamummaa abbaan koo narratti qabu tasa laaffisuu hinfedhu. Jaalalan abbaa koof qabuuf jecha yeroo mara ejjennoon koo cima. Anaaf hamileen koo isa. Sababni cimina kootii, sababni xiiqeffamuu kootii, sababni eenyummaa koof cichoomina kootii abbaa kooti. Akka inni fedhu, bakka inni naaf kennu, haala inni itti na yaadu keessattin argamuu fedha.
Hamilee abbaa koorraa naaf dhufaniin humna horadhee waan mara injifadheera. Ammas abbaa koo qaanessuu hinqabu. Bakka guddaa abbaan koo na kaa'erraa bu'ee xiqqaachuu hinqabu.
Abbaan koo "Intalli koo ni dandeessi, cimtuudha, isheen anaaf qixa dhiiraati" jennaan ani akka jecha isaati. Abadan harka laadhee hinbeeku. Waa'ee abbaa koo, waa'ee deemsa koo, waa'ee jaalala dr Masfin isa na raakee hidhaatti na gatee na takaaluuf deemuu waan hedduu hedduun siree keessa ciisee yaade.
Jechoota abbaan koo ittiin na onnachiisu hundan yaade. Bakka inni itti na eegu irraa maqee, abaarsaaf rifannaa inni natti rifatun yaade.
Ilaa...har’aa kaasee ija kee arguu hinfedhu. Bakka ati jirtu hingahu. Maqaa kee hinkaasu. Ani sin beeku. Sinjaaladhe, bakka guddattin jireenya koo keessatti si yaade. Qixa abbaa warraa, abbaa qe'ee isa kabaja qabuuttin si guddise. Bultiin si waliin hawwe. Jireenya boriin si waliin akeeke malee; halalee miti ani.
Maatii kabajaan na guddisen qaba. Maatii qofa miti, ollaa naamusa qabu, safuu qabu gidduuttin guddadhe. Kana booda sin barbaadu. Hin dhufin nan argitu. Anis dubra miti. Ani kara-deemaa siree abbaan kudha keessa gangalaterra na bulchee na galchu hawwuu miti yaadni koo!
Yoo argatte kan akkasii waaqni si haa gargaaru. Ani imala koo si waliinii asirratti xumureera. Nagaatti. jedheen barreessee ergaa gabaabaadhaan dubbii koo xumure. Bilbila koon cufadhe.
Nan aare. Nan boo'e. Onneetu na dhukkubsate. Nama jaalala koof gatii hin kennine, kan fedhii isaa guuttachuuf natti michoome waliin baatii torbaa ol dhama'e. Amma garuu nan dadhabe. Kanaa ol yoon deeme maal akka na muudatu hinbeeku. Kanaaf Masfin irraa cituu akkan qabun murteesse.
Takka boo'ee of tasgabbeesseen gara Adaadoo deeme. Abjuun argeef waanan Masfiniif barreesse hundan itti hime.
"Afachu...afachu. hinboo'in , hindhufu jedhe moo?" jettee. Lakki Adaado; inni bultiif nan fedhu. Inni haajaa biraatiif qofa na hordofaa jira. Inni tasuma nan jaalatu. Kanarra dhiisuu naaf wayya. Jedheen boo'aa itti himadhe. Ofitti na qabdee na sossobde. Badi badi na godhe...garuu miiricha adda baasee beekuu baadhus; baay'een jeeqame.
"Mee bilbila isaa naaf kenni" nan kenneef. Biraan deebi'ee manatti gale. Kanuma keessa balballi rukutame rifaatuun laphee na dhahee kimbil na godhee oole. Gadi ba'een ilaale...uuff! Tirfeedha. Ishee jireenyi waadee gubee lafa kaa'e. Tirfee ishee ollaa keenyaa.
"Intalumti kun na gubde. Dhaheen ajjeesa. Harka koo dhiiga gooti."Ofitti gubattee of nyaachaa manatti ol seente. Taa'i hiaarin! Jedheen fuulduruma ishee taa'ee miira fuula isheerra jiru dubbisuuf yaale. Fuulli ishee guggubate. Ijji ishee keessatti dhumuuf jiru fakkaata. Rifeensi mataa ishee ciccitee ciccitee duubatti deemeera. Karaa dubaatiin xiqqoo jirtu walitti guurtee...Wiigii itti dhahattee jirti.
Guutummaa qaama isheen ilaale. Qeensa quba ishee nyaattee nyaattee...doolessuu geesse. Qubni afaanii isheen bahu. Gurrattiidha. Fuula aariin, dhukkubniif rakkoon miidhetu, gurrachuma isheerraa addatti hubatama.
"Ilaa intala koo sin gorsaa dhaga'i. Ati dubra. Anis dubran ture. Kunoo dubra daheen jira. Gaaftokko rakkoon ana muudate kun akka sin muudanne ittiin of eeggadhu". Jettee afuura kuttee kuttee gadi dhiifte.
Ija keessan ilaaluu jalqabe. " Osoo baradhuun asumatti hiriyaa jaalalaa qabadhe. Inni konkolaachisaa dha. Gaaf kaan hiriyaa koo dubraa takka waliin taanee hoteela tokkotti wajjiin gorre. Mana barnootaatii galaa jirra, uffata seeraa uffannee jirra. Hiriyaa koo amaneen waliin deeme. Ala gaaddisa dibaabee jala teenyee lallaafaa osoo dhugaa jirruun of dhabe.
Kanan sa'aatii sana of dhabe, sa'aatii sagaliif walakkaattin mana siree hoteelichaa keessatti of arge. Qaamni koo hundi na bututeen socho'uu dadhabe. Homtuu na cinaa hinturre. Inni waan fedhii isaa raawwatee achumatti na gatee deeme. Kanan dhiigaan badee jiru. kanan ejjedhee deemuuf dadhaben ija namaatiin waxalamaa harmeetti gale.
Ergasii gammachuu, barnoota, hiriyaa, maatii waan jedhaman hundarraan adda bahe. Nan jibbame. Kunoo intala kanan ulfaa'ee mana namaa jalatti dahe.
Har'ammoo; bakkan dhufee as gahee dagattee isheenis qalbii dhabaa jirti.
Intala koo! Ati gorsa dhageessa. Abbaa barbaade haa ta'u, dhiira amantee hoteela waliin hinseenin. Seentus ala taa'i. Dhugatiis nyaatas hin fayyadamin. Adoochanii of si wallaalchisanii dhimma sitti bahu. Sana booda, kunoo akka koo kana irbaata dhukkubaa taatee gatamtee, jibbamtee goodaatti hafta.
Gorsa koo kana hin tuffatin si fayyada. "
Imimmaan ishee dhankal dhankal goote. Anillee garaa dadhabeen wajjiin boo'e. Na mararte.
Battaluma Dr Masfinan yaadadhe . Haagalatoomu baay'ee fedhiikoo hindaangessine. Kana boodaa of eeggannoo cimaa akkan gochu qabuuf ofan qopheesse.
Bishaan qiceefii dhiqatte. Xiqqoo tasgabboofte. Buna danfiseen osoo laaqana nyaachuuf qophiitti jirruu bilbilli koo iyyite.
Nan kaase. "Ammaan tana akka dhuftun barbaade. Dhimma imala keetii waan dubbannutu jiraa!#quot; jette. Faddaaltuu tiyya.
Dafeen ka'ee gara isheedhaan wal beellamneetti fiige.
Kallattiin isheedhaan wal arge. "Firii" jette ...Amaarinyaa isheetiin waan ta$#39;e natti himuuf sagalee ciratte.
Yoon as garagalu, Adaadoo dhaabbattee natti seeqxun arge. Waanti deemaa jiru naaf higalle.
Passportiikoo fuutee natti laatte. Osoon gaggaragalchee ilaaluu, duubaan harki wayii ija ukkaamsee na qabe. Bakkan taa'uu ka'een, adaadoo jedhee iyya kute. " Eechabaakeetii" jettee kolfa ishee keessaa fuute.
Gurratti na jedhe. Afuura nama gubu. "Ana dr Masfin" jedhe.Qaamnikoo hundi, waan addaan caccabee adda adda na hiikame natti fakkaate. Ofqabuun dadhabe.
Na gadi dhiise fuuldura kootti darbee ijaajje. "Firii dhimmi imala keetii erga hafee tureera. Sitti himuu dhiisuu koof dhiifama. Dr Masfin garuu nama gaariidha. Sijaalata. Kanarra homaa hin dubbadhu. Jabaadhu" ijaan dr. Masfin ilaalte." Baga gargaaramte" jettee achumatti na dhiiftee sokkite. Faddaaltuun.
Ol jedheen ilaale. "Eeyyee ana. Erga gaafa akka deemuuf jirtu natti himteetii bilbila kee keessaa lakkoofsa faddaaltuukee argadheen fudhe. Isheefis bilbileen wal arge. Qarshii isheen barbaaddu kenneefiin akka isheen dhimmakee cuftu godhe. Kana gochuun koo immoo akka ati narraa hinfagaanne waanan barbaaduufi.
Sinjaaladha. Waanan gochaa ture mara dabaaf miti. Hagam obsa, ciminaaf ofittiamanamummaa, cichoomina akka qabdu baruufani. Na amani ati dubree ajaa'ibaati. Jaalalatti of kennitee waan fedhiikoo akkan raawwadhuuf naaf hin eeyyamne. Ati jaalalas, ejjennoo kees nama wal faana baate.
Sana caala si dirqamsiisee waan fedhe gochuun danda'a ture. Kutannoon keessa kee jiru akka humna qabun bare. Jaalalan malee xiiqiidhaan moo'uun hindanda'amu. Tokkoon tokkon guyyootan itti simadaale keessatti; cimina Firii shamarree hundaafan hawwe. Ati kennaa koo addaati. Firii dhamaatii koo! Firii dadhabbiikoo, Firiin baraan kana booda jiradhee irraa sooradhu.
Firii ishee gatii guddaa qabdu. Firii ishee yeroo itti Firii laattu beektu." Jedhee natti marame. Adaadoon lamaan keenyaa walitti haammatte.
Maatii walii keenyaa eeyyamsiifneee , eebba argannee seera guunnee, warra jiruu walii qooddatu ta'uuf harka wal qabannee waadaa jaalalaatti dhaamne.
Maaluu taanaan gatiikee hinxiqqeessin. Gaafas meeshaa taphaa osoon taane, meeshaa gati-jabeessa taata. Gatii guddaaadhaan barbaadamta. Bakka guddattis argamta.
GALATOOMAA!