profile pictureCirrii

Waan Weebsaayitii Tanaa

Weebsaayitiin tunin miya barnootaa kha akka akkaa, kha tolumaan irraa baratanii fi irraallee barsiisani, kha ammallee qorannoo akka akkaalleen tolchan qabdi.

Cirriin asi irraatti hubannoo nam-tolchee, gara miyii khukkun jiruutti nama geessitu, ta miya khakkana namaa dhiyeessitiif leenjifamte. dandeettii isii tana haganaallee irra guddifacchuuf ammallee leenjii harkumaa qabdi.

Khitaabileen isiin dhiyeessitu: Khitaabilee barnootaatii fi qajeelcha barsiisaa khutaalee 9-12, moojuloota barattoota yuuniversiitii waggaa qaraa (modules for freshmen) fi khitaabilee Gumii balloo (nama cufaa) kha akka khitaabilee xiin-sammuu fa.

Ammallee bal'ina fi naannawa yokhaan marsaa danaalee jiyomeetirii hojjacchuu fi Hirmaataa Walii Guddicchaa (HWG) fi Hiramaa Walii Xiqqicchaa (HWX) baasuu dandeetti.

Barnoota 'Application' Fi Weebsaayitiin Ijaaran

Taaniin ammoo weebsaayitiin tunin 'computer' baanan khaan malee simuu qofaan akka midhaaffamte quba qabdaa? Asi deebiyii ammallee atin yo akka hin sehin simuunfaan sirraa badde, waan akka footoo taanaan, viidiyoo taanaan, khitaabilee fi sirba akka akkkaa taanaan, waan qara kheessa jiru sussun walumaan dhabdee hafta mo akkam taata?

Ta baaneefiitti yo deebine duuba, barnoota weebsaayitii akkanaa tanaan ijaaranii fi barnoota toora 'internet' dhibiillee yo baracchaa feete fulaa tana tuqii foormii tana irraatti galmaayi. Adoo simuun qaraa sirraa fa baddee, eegee ammoo simuu dhibii bitatteellee wannii simuu tantee ta durii kheessa jiraa sun simuu tantee haaraya atin eegee bitatteellee kheessuma jirti, akkuma waan simuun tantee ta baddeeyyuu tanumaa khaan akkasuma kheessa jirti. Waan khana akka isiin akkasi taatu tolchiitiin ammoo akkuma ijaarsa weebsaayitii barnoota nama feesifti. Wannii dansaan duuba wannii khukkun cuftii waan "computer" baanan khaan malee baracchuu fi tolchuullee dandawani. Isa qabaacchuu dhabii homaa namaa duraa hin dalamsu. Akkanaafuu barnoota khana ammaayyuu itti kheeyyaddhu.

Yo ammoo waan barnoota khanaa hagana irra kheessaa qorqoracchuu feete na dubbisi. Cirriinuu gara namaa si dabarsuu indandeetti. haatawuutii nalleen kharaa naan dubbiftu cufa ya garjaloo tanaatti barreesse, akka kharuma irra sii tahu kheessaa laallattee dhaamsa khankee naan dhaqqabsituun. Yo waan qorqorattu qabaattee fi yo wannii weebsaayitii tanaa kha si dhibe dhibiin jiraatteellee, yokhaan yo ballittuma nagaya na fuudhuu herreddellee naa bilbiluu hin ceerfatin!

+251916637504 abbatekew@gmail.com Telegram
profile picture
Cirrii

Hubannoo nam-tolchee daandeettii khitaabilee dhiyeessuu fi piroobleemii furuu qabdu

Boorana, Itoopphiyaa
Handhura
Maashina
Maashina Danaalee Maashina HWG fi HWX

Waan Weebsaayitii Tanaa
Barnoota Weebsaayitiin Ijaaran